TajaajloWwan keenya

I. Turjumaana dhuunfa fi waraqa-ragaa

Dokumentoota/ragaalee gara qooqaa biraatti jijjiiruun adeemsa wanta barreeffame tokko qooqa tokko irraa gara qooqa kan biraatti jijjiirtuti hiikkoowwan dhuunfa warri jedhaman seera fi seeran alaa ragaa nama tokko sababi garagaraattiin kan hiikkaamuu barbaachriisu dha

Gosoota Turjumaanota Dhuunfaa fi Sanadii

  • Turjumaana godaansaa: sanadiiwwan iyyannoo visa yookiin heeyyama iddoo jireenyaa/ hojiitiif turjumaana ragaa dhugoominaa (rageeffamaa) ta’e kan qabaachuu qaban.
  • Turjumaana ragaa ga’umsa barnootaa: waraqaawwan ragaa fi beekamtiiwwan ga’umsaa biroo dhaabbata barnootaatiin kennaman.
  • Galmeewwan qorannoo fayyaa fi talaallii: waraqaawwan ragaa qorannoo fayyaakee, galmee talaalliikee gara afaan barbaadamuutti jijjiiruun sirraa barbaadamuu danda’a.
  • Waraqaawwan ragaa dhalootaa, gaa’ilaa fi du’aa: kaayyoowwan garaagaraaf sanadiiwwan kanneen gara afaan biraatti akka jijjiirtan gaafatamuu dandeessu. Sanadni keessan turjumaana’e sanada sirrii kan calaqqisiise akka ta’e siniif ni mirkaneessina.
  • Seenessaa dhuunfaa fi iyyannoo hojii: Seenessaan dhuunfaa fi iyyannoon hojii keessan Afaan qacaraan keessan irra caalaa hubatuttii akka jijjiiramu sin gargaarra.

II. Turjumaanoota Gamtaa fi Daldala

Tajaajiloota Turjumaana gamtaa kan inni qabatu Turjumaana ragaa marii daldala wajjin walqabatee dha: Turjumaana alaalatti walii galtee daldala,ragaa hojii herreegaa

Turjumaanonni Daldalaa fi Gamtaa walumaa galatti pirojektii, muuxannoo addaa gaaffii fi fedhii maamiltoota keenyaa gitu akka fayyadamnu nu gaafatanidha. Turjumaanessoota addaa naannoo keenyaa warreen beekumsa teekinikaalaa fi barnootaa qaba hirmaachisna. Sanadoonni akka kanaa adeemsi turjumaanaa osoo hin eegaliin kunuunsa dabalataa fi of eeggannoon qophaa’uu barbaadu. Gareen ogeeyyii dirricharratti hojjetan haala maamiltoota waliin waliigaleen jibsoo barbaachisaa guddisuuf waliin taa’uu danda’u. Maddicha dogoggora malee akka calaqqisiisutti  adeemsonni akkamiin akka ta’e-beekuu fi tooftaalee, dandeettiiwwan gaarii fi muuxannoon hundi qabiyyee xiyyeeffannaa  ibsuuf walitti dhufuu qabu

Tajaajiloonni gamtaa maamiltoota keenyaatiif dhiyeessuu dandeenyu as jira:

  • Turjumaanota sagalee fi viidiyoo — viidiyootti sagalee dabaluu, turjumaana sagalee waraabamee, turjumaana viidiyoorratti barreessuu, sagalee dabaluu fi garagalchuun barreessuu. Waraabbii istuudiyoo mataa keenyaarraa haala maamilli barbaadeen oomisha dhumaa dhiyeessuu dandeenya.
  • Turjumaanota waraqaa balaliituu — yaada waliigalaa turjumaana gosoota hundaa meeshaalee ergaatti firooman ibsuuf fayyadu: jechuunis. biroosherii, liifleetii, ibsituu dhaabbata, waraqaa facaatuu, maxxansoota fi k.k.f. Turjumaanonni kunneen gurmaa’ina qabiyyee teekinikaalaa, seera qabeessaa, dawaa, gurgurtaaf bittaa fi saayinsaawaa ta’uu danda’a. Turjumaanni akka kanaa kun ogeessota turjumaanaa dandeetti garagarlchuun barreessuu fi hubachuu qaban barabaada. Dhuma adeemsa turjumaanaa irratti ogeeyyiin maxxansa barreeffamaa fi DTP akkasumas dubbistoonni mirkaneessaa firii baay’ee gaarii qabaachuuf baay’ee barbaachisoodha.   

 

  • Turjumaanota Inshuraansii fi seer-qabeessa — akkaataan inshuraansii fi seer-qabeessaa qorumsa asitti argamudha. Jijjiirtonni qacarru kan guutummaatti birqabicha, hiikkaa, yaadota ijoo fi haala barreeffamaa seer-qabeessa kan hubatanidha. Afaanota haaraan ala, jijjirtonni LLB digirii jalqabaa xiqqaa qaban sanada akkasii irraatti hojjetu. Yaadannoo Walitti Dhufeenyaa, Barreeffama Gamtaa, seeraan, imaammata gamtaa, waliigalteewwan walitti dhufeenyaa, murteewwan mana murtii, sanadoota wabii fi kanneen wal fakkaatan kutaa kana keessatti kufu.

  • Haala Barreeffama Afaan Baay’ee — mandhee adda baafamee of eeggannoo fayyadama bocquu, teessuma waliigalaa fi bareedina saxaxaa afaan maamilaan nutti kenname kamiifuu goonu. Dabalataan, akka gosa gocha dandeettii fayyadama sooftiweerii keenya fi afaan kennamerratti ogummaa hojii aartii qulqulluu  dandeettii akkamiin akka oomishamu-beekuu keenya itti mirkaneessinudha.
  • Turjumaanota Abbummaa Kalaqaa — Turjumaanni mirkaneessa abbaa kalaqaa ta’uu daawwattoonni addunyaa odeeffannoo waa’ee kalaqichaa akka argataniif adeemsa iyyannoo mirga abbaa kalaqaa gara afaan biraatti jijjiiruuti. Kunis keessumaayyuu dirree ammayyaawaa bakka daldaloonni haala daballii qabuun sadarkaa addunyaatti waldorgoman keessatti barbaachisaadha. Hojjettoonni turjumaanaa keenya haala addaa piroojektii akkanaaf gaafatamuun kan leenji’anidha. . Akkuma barreeffamoonni asitti fayyadamaman baay’ee guutummaatti wantoota ogummaawaa ta’an, muuxannoo addaa ogummaa qabaachuun ogeeyyii turjumaanotaatiif barbaachisaadha. Haala bakka ogeeyyiin turjumaanaa akka kanaa hin jirre keessatti, ogeeyyii turjumaanaa fi gulaaltota ramadaman qajeelchuu fi leenjisuuf maamila waliin hojjenna.
  • Turjumaanota ogummaa — kunneen piroojektiiwwan yeroo baay’ee sanadoota jijjiraman gara qajeelcha saxaatoo hojii aartiitti akka jijjiirru nu gaafatanidha. Turjumaanota ogummaa jalatti, turjumaanota daldalaa fi to’annaa maallaqaa, meeshaalee fi hujeeka leenjii, sanadoota dawaa, fi k.k.f ramaduu dandeenya.
  • Tajaajiloota hiikkaa weebsaayitii — yaadni asitti fayyadamame jijiirraa barreeffama afaan tokkoo gara afaan biraa agarsiisuyyuu, gaaffii maamilaa ol fi gararraa akka deemuu qabnu hubanna. Kun irra caalaa hojii barreessa-garagalchaa kan keessatti aadaa xiyyeeffannaa jala jirurratti karaa of eeggannoo qabuun dhiibbaan barbaadamu uumamuu mirkaneessinudha. Ulagaaleen ogummaawaa ogummaa weebsaayitii waliin firoomanillee wantoota hubannaa of eeggannoo qabu barbaadanidha

III. Biyyoomsuu

Biyyoomsuu jechuun tajaajila ykn oomisha madaqsuu, yeroo baay’ee gidduu galuu teekinolojii kan of-keessatti qabate, barbaacha qooqota tokko tokko gutuuf, adda ykn hawwii uummata “ilaaluu fi miira.”

Biyyoomsuun( akkasumalle |10n kan jedhamu) akka adeemsa oomisha beekamaa tokko yookiin tajaajila ta’e naannoo addaa tokkotti  madaqsuutti ibsamuu danda’a. Afaansaanii, fedhiin aadaasaanii yookiin bakka argama saanii maaliyyuu yoo ta’e, kaayyoon biyyoomsuu oomishaa fi tajaajilaaf bifa fi  miira galtee dikkoo kennuudha. Akka hiikaa kallattii yookiin turjumaanaatti fayyadamamuu hin qabu.  Dhugaan, turjumaanni piroojektii biyyoomsuu guutummatti xumuruuf qaama barbaachisudha. Turjumaana irraan addatti, biyyoomsuun waliigalteewwan armaan gadii hammata:

  • Kaayyoo dhandhama fi amala fayyadama gita biyyaa xiyyeeffatame kabajuu waliin wal qabatee qabiyyee madaqsuu fi fooyyessuu
  • Diizaayinii fi teessuma, barreeffama karaa afaan naannichaatiin jijjiirame seeraan muldhisu, madaqsuu
  • Guyyaa fi sa’aatiif, teessoowwaniif, lakkoofsotaaf, maallaqootaaf fi k.k.fniif gita naannoo xiyyeeffatame tokkoof unka madaqsuu
  • Tilmaamaa fi miirummaa naannoo xiyyeeffannaa jala jiru waliin walsimsiisuuf saxaatoo madaqsuu
  • Hojiiwwan gara tartiiba qubee gooree naannootti ramaduu madaqsuu

Piroojektiin biyyoomsuu hidhaa guutuu kan hojiiwwan armaan gadii of keessatti qabatedha, kanneen walitti hidhaman:

  • Suphaa dogoggora sagantaa ( oomisha dura, yeroo oomishaa fi oomisha booda)
  • Addunyeessuu
  • Qorumsa biyyoomsuu
  • Injiinariingii sooftiweerii
  • Biyyoomsa sooftiweerii
  • Turjumaana sooftiweerii
  • Qorumsa fayyadamaa biratti fudhatamuu

Fakkeenyota Biyyoomsuu:

Dhaabbata Turjumaanaa fi Biyyoomsuu Urjii Itoopiyaa tti, cimina oomishoota beekamoo biyyoomsa qabiyyee saanii fi fakkeenyummaa isaan gabaa addunyaa irratti dhiibbaa fiduuf danqaa afaanii jiru cabsuu keessatti qaban waliin faana dhahuuf dharraa guddaa qabna.

Fakkeenyonni beekamoo tarsiimoowwan biyyoomsaa seeraan bocaman Kookaa- Koollaa(ኮካ ኮላ), Maayikiroosooftii fi Naayikiidha. Kanneen armaan gadii illee  sababa milkaa’ina isaanii karaa fayyadama piroojektiiwwan biyyoomsaatiin argataniif sadarkaa addunyaatti beekamu.

Fandii Addunyaa Uumamaaf (WWF): ‘n  akkamitti namni tokko karaa odeeffannoo fi beekumsaa akka imaammata ajajuu danda’u,  akkasumas akkamitti biyyoomsuun duula barsiisuu akka fayyadu fakkeenya guddaa dha.

Airbnb: argama isaa biyyoota 220 keessatti facaasuuf fi walitti dhufeenya hundatti waltuqtee dhuunfaa dhiyeessuun induustirii keessummeessuu guddaa jeequuf haala mijeesseera. Weebsaayitii fi appilikeeshiniin isaanii afaanota garagaraa 62 argama.

Netflix: injifattoonni mandhee isaanii keessatti qabiyyee fayyadamtoonni barbaadan dhiyeessuun fi dhaamsi kun qajeelcha fiilmii fuula manaa irra jiru irraa gara gadii barreeffama jijjiiramee jirutti baata

Beekumsa/Oogomsa industrii

IV. Mamileffama fi hiikkoowwan dabalata kan qabuu

Mamila fi Turjumaanota dabalata kan qabuu

  • Tajaajiloota qabiyyee barreessuu: tajaajiloota akka weebsaayitootaaf biloogii barreessuu, barreeffama qabiyyee weebii, qabiyyee meeshaa daldalaa, waraqaawwan adii, barreeffamoota qorannaa, tajaajiloota dubbisa mirkaneessaa, qabiyyee bakka bu’ee odeeffannoo, qabiyyee miidiyaa hawaasaa, gadhiisa gaazexaawwanii, ibsoota oomishaa, tajaajiloota barreeffama garagalchaa fi kanneen biroo baay’ee dhiyeessuu dha.
  • Gulaallii-garagalchaa: Gulaalaan garagalchaa barreeffamni tokko dubbifamuu akka danda’u, sirrii fi maxxansaaf qophii akka ta’e kan mirkaneessudha. Kitaabota, gaazexaawwan fi barruleewwan dabalatee, maxxansa gosa hundaa irratti hojjetu. Seeraan barreeffamuu fi haalaan qindaa’uu; seerluga fi qubeessa sirrii qabaachuu barreeffamaa adda baasuu danda’u.
  • Barreeffama-garagalchaa: Barreeffamni garagalchaa gocha yookiin hojii barreeffamaa beeksisaa yookiin bifa daldalaa biraati. Oomishni, garagalcha yookiin daldala garagalchaa barreeffama(qabiyyee) barreeffame kan beekumsa oommishichaa dabaluuf fi namni dhuunfaa yookiin gareen tarkaanfii ta’e(oomisha yookiin tajaajila beeksifamaa jiru bitachuu/fayyadamuu) akka fudhatu dhiibuuf kaayyeeffatedha.
  • Tajaajiloota Mirkaneessa Dubbisaa: sanada maxxansuuf fakkeenyaaf kitaaba ofiif barreessite qophaa’aa ta’uu dandeessa. Dubbistoonni mirkaneessaa keenya yeroo maxxansaa meeshaa maxxansaatiin yookiin keessa deebituu keetiin rakkinni kan uumamu yoo ta’e fi hiikaaf osoo hin ergiin keessa deebii kee kan irra utaalte yoo ta’e akka bartuuf si gargaaru. Maxxansootni baay’een itoophiyaa keessatti waltuqqii ogeeyyii dubbistoota mirkaneessa dhumaa akka hin qabne argineerra.
  • Maxxansa Minjaala’aa: kompiitera minjaalee sagantaa teessumaa kan barreeffamaa fi suuraa walitti fiduu qabu gargaaramuun oomisha meeshaa maxxanfamee. Maxxansaa waliigalaa fi suuraawwaniitiif(gaazexaawwan, barrulee, biroosharii, Buukleetii xiqqoo, maxxansa fi waraqaa balaliituu), Adobe InDesign, Adobe PageMaker fi yeroo muraasa QuarkXPress fayyadamuu dandeenya. Sanadoota dheeraa, boqonnaa baay’ee qabaniif( kitaabota, barruuwwan, maxxansawwan barnootawaa fi hujeekotaaf), Corel Ventura, Adobe InDesign, Adobe FrameMaker, fi QuarkXPress fayyadamuun barbaachisaadha. Dhumarratti maxxansoota wantoota gabateetiif( maxxansoota saayinsaawaa, maxxansoota ogummaawaa fi istaatiskii, fi maxxansoota faayila guddaatiif) Corel Ventura, Adobe InDesign, Adobe FrameMaker, fi QuarkXPress‘n fedhii maamiltoota keenyaa sirriitti simuu danda’u.

V. Tajaajilaa hiika

Hiikuu/Ibsuu jechuun Qooqawwan garaagara fayyadamtota giddutti marii qooqa duubiin ykn Mallattoon mijeessuu.

Turjumaanni adeemsa ergaa dubbatame yookiin mallatteffame gara afaan dubbatame yookiin mallatteffame biraatti, hiikaa fi galma madda afaanichaa eeguun jijjiiruuti. Turjumeessitoonni keenya hospitaalota, walga’ii guddaa, manneen murtii, walga’ii-zoom,  fi kanaan walfakkaatan dirree sarara irratti ta’an kutaa seeraa fi mootummaatiif fi dhaabbatoota barnoota olaanoo keessatti hojjechuuf qophiidha.

Gosa turjumaanuu gurguddaa saditu jiru.

  1. Turjumaana Walitti Aanaa:  ogeessi turjumaanaa erga dubbataan madda afaanii dhaabee booda dubbata. Turjumaanni bilbilaa fakkeenya kanaati. Ogeeyyiin turjumaanaa keenya, imala osoo hin gaafatiin, bilbila isaanii fayyadamuun, maamiltoota keenya US, Awurooppaa yookiin kutaa addunyaa biraa jiran PHP, GP, abokaatoo fi k.k.f  saanii waliin walqunnamuu akka danda’an gargaaru.

  2. Turjumaana yeroo tokkoo: ogeessi turjumaanichaa dhaggeeffatee afaan barbaadameen yeruma  dubbataan dubbataa jiru ergicha hiika.
  3. Turjumaana Argaa: barreeffama tokko haasaan dabarsuu

Ogeessonni turjumaanaa hatattamaa fi of eeggannoon hiikaa, sagalee fi kaayyoo ergaa sirrii isaa eeguun gara afaan barbaadameetti haalota armaan olii hundaan hiikuutu irraa eegama. Turjumaanuun dandeettii afaanii gahaa, yaadachuu qofaatti bahaa, dandeettii ariitiin xiinxaluu fi afaanota gidduutti ergaawwan dabarsuu fi naamusa ogummaa fi shaakala sadarka qulqullinaatti maxxanuu gaafata. Akka olitti mari’atametti, turjumaanuun fuulaa fuulatti fi fageenyarraa ta’uu danda’a. Fageenyarraa turjumaanuun walquunnamtii bilbilaawaa fi walquunnamtii viidiyoo afaan garaagaraa( jechuunis. Zoom, Skype, Google Hangouts fi k.k.f ) mijeessuuf dooyaa teekinooloojii gaafata.

VI. Tajaajila dabalata mammila keenyaf nutti keenninu:

Tajaajila qarqabaalee adda ta’e qabna kan xiyeefannoon isaa maallaqa fi yeroo keessan quusachuf iddoo hojii keessani isinitti tole ykn iddoo jireenya teessanni nuu ajajuu ni dandeesuu

*Tajaajila Turjumaana sududa(torra intarneetti) fi seera qabeessa walifaane

* Ragaan keessan hiikkaamuu fi dhugoomuu isaa baraa

* Turjumaana qooqa teelephoonii tola fi gorsoowwan

Turjumaana ogeessaan addunya jijjiruu

Hojiin keessan addunyaa irraatti daldaluu fi nannoo fi gabaa alaa irraatti tajaajila ykn oomisha haara jalqabuu dha daldal keessan mamila baye akka argatutti hojiin keenya qabiyee keessan hiikkuu dha.

Tajaajilli/Tajaajilii dhaabbata qooqa jijjiiru fi Biyyoomsuu Itiyoostaar kennu naannoolee hedduu iratti kanneen akka, dandeettii dookumeentii keessan waliin walsimuu,meeshalee beeksisaa fi guddisuu, mosajii, qabiyyee toora Intarneetii fi sarara irraa caalmaatti afaanota Eeeshiyaa, Afrikaa bahaa fi yuurooppi akkaasumas achii as. kunis Gabaa harkisuuf, daldalaa keessaan babal’isuu fi hariiroo gaarii biyya keessaa fi alaatti uumuuf kan si gargaaru dha.

Tajaajiloota Turjumaana hangii/reenjii bala'a keenninna

Dhaabbatni Turjumaana fi Biyyoomsuu itiyoostaar, qooqa jijjiirtoota haalaan leenji’an Itiyoophiyaa fi Afrikaa bahaatti kan qabudha. Akkasumas isaanis as deebiin maamiltoota keenyaaf qooqa jijjiiraa garii ta’e kennu.

Tajaajiloota hiikkaa qooqa baay’iinnan nuu keenninu keessa filachu dandeessuu Gareen keenya, qabiyyeen qooqni isin jijjiiratanii maamiltoota keessaniif ifaan walqunnamuu ni mirkaneessa.

Qooqawwan nutti deeggaruu

Qooqawwan Itiyoophiyaa

Qooqawwan Eeritri'aa fi kaneen biroo baha Afriikaa

qooqowwan eesiiyaanota:

Qooqawwan Awuroopa:

Tajaajiloota qooqawwan biyyaa alaa fi qooqa adda te'e