Dubartoonni maaliif dhiirota caalaa umurii dheeraa jiraatu?

Qopheessitoonni: Esteban Ortiz-Ospina fi Diana Beltekian

Kan barreeffame: Bara 2018 A.L.A

Kan hiikame: Bara 2023 A.L.A

Addunyaa kana irratti bakka hundatti dubartoonni dhiirota caalaa umurii dheeraa jiraatu – garuu yeroo hunda akkas hin turre. Ragaan biyyoota dureeyyii irraa argame akka agarsiisutti jaarraa 19ffaa keessa dubartoonni dhiirota caalaa umurii dheeraa akka hin jiraannedha. Yeroo harʼaa dubartoonni dhiirota caalaa yeroo dheeraa kan jiraatan maaliifi? Ragaan jiru daangeffamaa waan ta’eef deebii gartokkee qofa qabna.

Dubartoonni dhiirota caalaa umurii dheeraa akka jiraataniif sababoonni baayoloojii, amalaafi naannoo hundi gumaacha akka qaban ni beekna; garuu gumaachi walqabataa tokkoon tokkoon wantoota kanaa hammam cimaa akka ta’e sirriitti hin beeknu.

Ulfaatina ragaa malee, yoo xiqqaate sababni dubartoonni har’a duraan caalaa dhiirota caalaa umurii dheeraa jiraatan sababa baayoloojiin ala tahaan tokko tokko jijjiiramuu isaanii wajjin kan walqabatu ta’uu isaa beekna. Wantoonni jijjiiraman kun maal fa’a? Gariin isaanii baay’ee kan beekamaniidha, sababoota akka dhiironni dubartoota caalaa waan xuuxanif fa’a. Kaan immoo caalaatti walxaxaa dha. Fakkeenyaaf, biyyoota dureeyyii keessatti faayidaan dubartootaa yeeroo dheraaf lubbuun jiraachuf qaban gartokkoon kan dabale dhukkuboonni daddarboo jaarraa tokko dura dubartoota irra caalaa miidhu waan tureefidha. Amma ammayyuummaa damee fayyaatiin dhukkuboota duraan dubartoota irra caalaa miidhanif qorichi waan jiruuf, dubartoonni amma umurii dheeraa jiraachaa jiru.

Addunyaa maraatti dubartoonni dhiirota caalaa umurii dheeraa jiraatu

Chaartiin armaan gadii kun umurii dhiiraa fi dubartoota yeroo dhalatan agarsiisa. Akkuma arginu biyyoonni hundi sarara walqixxummaa daayaagoonaalii ol ta’u – kana jechuun biyyoota hunda keessatti shamarreen reefuu dhalatte mucaa dhiiraa reefuu dhalate caalaa umurii dheeraa jiraachuuf eeguu dandeessi.

Kan nama ajaa’ibu, akkan chaartiin kun mul’issutti dubartoonni umrii eeraa jiraachuuf faaydaan qaban bakka hundatti kan jiru yoo ta’u, garaagarummaan biyyoota adda addaa gidduu jiru garuu guddaa ta’uu agarsiisa. Raashiyaa keessatti dubartoonni dhiirota caalaa waggaa 10 ni jiraatu; Butaan keessatti garaagarummaan jiru walakkaa waggaa gadi dha.

Biyyoota dureeyyii keessatti faayidaan dubartoonni umurii dheeraa jiraachuuf qaban xiqqaa ture

Mee amma faayidaan dubartootaa umurii dheeraa keessatti qaban yeroon akkamitti akka jijjiirame haa ilaallu. Chaartiin itti aanu umurii dhiiraa fi dubaraa yeroo dhalatan US keessatti bara 1790-2014tti agarsiisa. Qabxiileen lama adda ba’anii mul’atu.

Tokkoffaa, olka’iinsi jira: Dhiironni fi dubartoonni US keessatti har’a jaarraa tokko duraa caalaa umrii baay’ee dheeraa jiraatu. Kunis seenaa keessatti daballii umrii jireenyaa addunyaa bakka hundatti mul’ate waliin kan walsimuudha.

Akkasumas lammaffaa: Faayidaan dubartootaa umurii dheeraa jiraachuuf qaban duraan baay’ee xiqqaa ture, garuu jaarraa darbe keessatti baay’ee dabaleera.

Faayidaan dubartootaa umurii dheraa jiraachuuf qaban gartokkoon sababa carraa yeroo ijoollummaa lubbuun jiraachuu olaanaa ta’e waan qabaniifis dha.

Biyyoota baay’ee keessatti duuti daa’immanii ijoollee dhiiraa ol’aanaadha.  Biyyoota hiyyeeyyii du’a daa’immanii baay’ee qaban keessatti garaagarummaan jiru ifaadha. Garuu biyyoota dureeyyii, bakka daa’imman muraasni du’an, garaagarummaa saalaa du’a daa’immanii irratti  mul’atu ifatti hin agarsiisu.

Ragaaleen jiran akka mul’isanitti, biyyoota dureeyyii har’aa keessatti naannoo jaarraa 19ffaa keessa duuti daa’immanii dubartootaa ol’aanaa akka ture.  Duuti daa’imman dhiiraa kan dubartootaa caalu kan jalqabe jaarraa 20ffaa keessa ture. Sababni isaas tajaajilli fayyaa fooyya’aa waan jiruufi. Haaluma walfakkaatuun biyyoota kanneen keessatti duuti haadholii duraan baay’ee ol’aanaa kan ture yoo ta’u, jaarraa 20ffaa keessa haalaan hir’ateera.

Haa ta’u malee, akkuma chaartiin asitti mul’atutti, Faransaay, Siwiidin, US fi UK keessatti, umriin dubartootaa 45 ga’uuf kan dhiirotaa caalaas ol’aanaa ture, garaagarummaan kun walakkaa jaarraa 20ffaa isa jalqabaa keessa guddachaa dhufe bara 1970 fi 1980 gidduutti sadarkaa olaanaa irra ga’eera. Garuu dhiheenya kana maaliif dubartoonni dhiirota caalaa umurii dheeraa jiraachuu akka dandahaan hin ibsan.

Faayidaa dubartootaa umurii dheeraa jiraachuuf qaban maaltu ibsa, yeroo booda maaliif jijjiirame?

Ragaan akka agarsiisutti garaagarummaan kiroomozoomii fi hormoonii dhiiraa fi dubartoota gidduu jiru umurii dheeraa irratti dhiibbaa qaba. Fakkeenyaaf, dhiironni cooma garaa keessaa (‘visceral fat’) baay’ee kan qaban yoo ta’u, dubartoonni ammoo cooma gogaa jalaa (‘subcutaneous fat’) baay’ee qabu. Garaagarummaan kana kan fiduu istiroojinii fi kiroomozoomii X lammaffaa dubartoota keessaatti argamuu isaati. Akkasumas coomni qaamolee akkaa onnee fi kalee marsee jiru dhukkuba fida jedhamee tilmaamama.

Garuu garaagarummaan baayoloojii qaamaa sababoota garaagaruummaa kana fidan keessa issa tokko malee garaagarummaa guddaa akkasii yeeroon dhufee biyyoota gidduutti hin arginu ture. Sababni inni biraa maal ta’uu danda’a?

Deebii murtaa’aa hin qabnu, garuu ragaalee tokko tokko qabna. Fakkeenyaaf, jijjiiramni amala sigaaraa xuuxuu dhiirota irratti mul’ate reetii du’a irratti dhiibbaa akka geessise ni beekna. Akkasumas guddinni seenaa yaalaa fayyaa dhiiraa fi dubartootaa irratti dhiibbaa adda addaa akka geessise ni beekna. Qorannoon bara 2018 Adriana Lleras-Muney fi Claudia Goldin, ragaa yeroo dheeraa dhukkuboota daddarboo ilaaluun, mala kana irratti hubannoo nuuf kenna.

Lleras-Muney fi Goldin akka agarsiisanitti, US keessatti dhukkuboonni daddarboo jaarraa 19ffaa keessa dubartoota umuriin isaanii waggaa 5 hanga 25 gidduu jiran irra caalaa miidhu ture. Amma dhukkubni daddarboo waan gadi bu’eef, dubartoonni umrii dheraa akka jiraatanif gargaareera.

Gaaffiiwwan deebii hin qabne?

Umuriin dubartootaa dheeraan bineensota keessatti kan barame akka ta’e ni beekna, garuu kun yeroo hunda dhugaa miti. Akkasumas, dubartoonni dhiirota caalaa umurii dheeraa akka jiraatan sababoonni baayoloojii, amalaafi naannoo hundi isaanii gumaacha akka qaban ni beekna.

Akkuma chaartiin kun mul’isutti biyyoota baay’ee keessatti sababoota du’aa hundaa keessaa duuti dhiirotaa ol’aanaadha. Daataan bal’aan akka agarsiisutti kun umurii hunda keessatti kan mul’atu dha; ta’us kan nama ajaa’ibu, dubartoonni umurii isaanii guutuu yeroo baay’ee dhiirota caalaa dhukkuba qaamaa, qaama miidhamummaa, daawwannaa doktora baay’ee fi hospitaala turuun isaaniis dhiirota caalaa ol’aanaadha. Dubartoonni dhiirota caalaa kan jiraatan suuta waan dulloomaniif qofa osoo hin taane, umurii kamittuu yeroo dhukkubsatan dandeettii dhukkuba damdamachuun ciccimoo waan ta’aniif fakkaata. Kun qabxii hawwataa ammallee qorannoo dabalataa barbaadudha.

Yaada xumuraa

Qabxiin hawwataan qorannoo Adriana Lleras-Muney fi Claudia Goldin keessatti ka’e, bu’aan umurii dheeraa walmadaalu hin taane dubartoonni jaarraa 20ffaa keessa biyyoota dureeyyii keessatti dhukkuboota daddarboo hir’isuu irraa argatan kallattiin du’a hir’isuu waliin wal hin qabatu. Duuti sababa dhukkuboota daddarbootiin uumamuu kallattiin hir’achuun isaa barbaachisaa ta’us, guddina garaagarrummaa lubbuun jiraachuu dhiiraa fi dubartoota gidduu jiru ibsuuf sababa ijoo hin turre. Gama kanaan, wanti jijjiirama fide, bu’aa al-kallatti yeroo dheeraa namoota lubbuun hafan irratti mul’ate ture: Namoonni dhukkuba daddarboo irraa hafan yeroo baay’ee ba’aa fayyaa qaamolee isaani miidhu kan baatan yoo ta’u kunis jireenya isaanii gara boodaaf dhukkuboota biroof caalaatti saaxilamoo akka ta’an isaan taasisa.

Madda:

Why do women live longer than men? (2018, August 14). Our World in Data. Retrieved March 11, 2023, from https://ourworldindata.org/why-do-women-live-longer-than-men

Leave a Reply